Oromo
From Wikipedia
Oromon saba Afrikaa kessa jirtu, kana Ethiopia kessa fi haga diqoo immo umatti ishe Kenya fi Somalia kessatti argamu dha. Sabi Oromo saba Ethiopia kessatti bayyina ummatan tokkoffa irra jirti. Akka Qo'anno bara 1994 (akka Gregorian calenderitti) bayyini ummatta Oromo percent ummata Ethiopia 32.1% qabatta. Hardha bayyini ummata Oromo million 25 dha. Afaani dubbatamus Afaan Oromoo yokaan Oromiffa jedhama.
Seena Oromo
Ummatni Oromo ummata afaan kushi dubbatu kan baha fi kabba baha Afrikaa kessatti argaman kessa tokko dha. Ummatni Oromoo kabban hanga Tigray, kibban hanga Kenya faffaca'e argama. Gafaa Afrikaa kessa Oromon saba kushii dubbatu gudditidha. Akkatan lafa, adda fi afaan ishe Oromo Afrikaa kessa dabre immo adunya kessatti akka bekamtu ishe godhera. Qo'annon jiru akka ibsutti Oromon ganna kuma oli Afrikaa Baha kessa akka jiratte ammanama (Prouty at al, 1981).
Oromon Saba "Pastoralist/nomadic" fi "semi-agriculturalist" jedhamanni kessa akka dhufte ammanama.
Bara centurii 16 kessatti eega Ethiopia fi Sultanetii Adal wal hadhanii lachu dadhabani dhisanii bodaa, ummanni Oromo gara Kabbatti (kabba Oromo ammatti) godannan. Abban amantii "Bahrey" jedhamu akka bara 1593tti barresetti jajabenna Oromon yeroo sunitti qabdu cimaa akka turee ibserra. Bahrey itti anne Oromon akka gara kabba-dhihatti gara Arsi, Shawaa, Wallaga fi Gojjam akkasumas gara kabba-bahan gara Hararghe fi Wollo akka fafacatte ibserra. Harold G. Marcus akka jedhetti kabbi-dhiha Boranna akka bakki Oromon duran qubbate akka ta'e ibse turre. Bara Centurii 17 jalqabee Oromon Amarra irra gargarri bahu jalqabani. Haa ta'u malee Oromon bulchinsa Ethiopia bara suni kessatti bakka argachu jalqabde. Kessattu Emperor Iyoas 1ffan (1730-55) Oromotta saba hadha issa ta'an offitti dhihessu jalqabe. Akkasumas (Court) Gondar kessatti Afaan Oromo akka dubbatamu tasisse. Bara "Zemene Mesafinti" kessatti dhalotta Oromo kan ta'an Yejjun bara dheraafi warannan Empererotta Ethiopia dursa turanni. Akkasumas Begemder, Enderases jallatti qoddamu jalqabanii. Yejjunis Ras Ali 1ffa jala bulaa turre, haa ta'u malee bara dheran dubaa Tewodros 1ffan Ras Ali 1ffa hinjifatte. Haa ta'u malee ammalee Empereronni Ethiopia waan dadhabanif warrani Yejju Ethiopia kessa tokkoffa ture.
Oromonni bara sunnitti bekkamo turan kessa 1. Bulchistu Menen kan Wollo, kan bara 1800 Empress tatee. 2. Ras Mohammad kan Wollo, kan Ras Mikael ta'e, achin bulchinsa Sion. 3. Bulchist Menen kan Ambassel, kan hadha mana Haile Silasse tate.
Humna fi matii imperiallaa wajjin walitti qabamufi jecha ummatni oromo heduni christanummatti jijjiramani turan. Itti fufe immo, gara dhumaa 1800ffatti, Emperor Yohannis 4ffan gosa Oromo Wollo kessa jirran hunda akka chiristanumatti jijjiraman yokan immo akka qabenya isanni dhabani sodachisse turee. Kunii immo gosa Oromo lafa warra dhisan akka gara kibbatti godannan warra godhee turee. Bulchan Oromo Mohammad maqaa jijjirate Bulcha lafa Mikael jedhame, nitti ergaa fudhe bodaa abba Empero Iyasu 4ffa ta'e.
Qoqqodama Oromo
Oromon bakka 12tti qoddamte argamti. Dhiha gara bahatti akkanatti qodamterti
- Oromon Wallaga lafa Oromotti dhiha lagaa Didessatti argamti.